SlideShare uma empresa Scribd logo
1 de 3
Baixar para ler offline
***NAMOORAATUNGAAN MAALI? ***KALAANDARIIN OROMOO HOO? ***
suura dhagaa
namooraatungaa.
Jalqaba baga bara faranjootaa kan 2016 fi bara gadaa oromoo kan 6410 geettan!!
*****************************************************************************
Ummannii oromoo uummata addunyaa kalandarii mataa isaanii qaban afran keessaa isa
tokkoodha.Lakkoofsii dhahaa Oromoo kun bara 300 BC(dhaloota kiristoon dura) dura
lakkaa’amaa akka ture hayyoonnii seenaa ni dubbatu. Kalandariin oromoo kun oromoo mara
biratti bifa walfakkaataan turuyyuu balinnaa fi haala teessuma lafaa irraa kan ka’e diqqoo
garaagarummaa qabaachuu ni mala.
***Mee OROMOO BOORANAA biratti maal fakkaata?***
lakkoofsii dhahaa Booranaa kun akkataa ittiin ummanni Oromoo Booranaa guyyaa, ji'aa fi
waggaa lakkaawwudha. Lakkoofsii kun Dhaloota Kiristoos Dura bara 300tti ummame. Akka
dhahaa kanaatti ji'a keessa guyyaa 29.5tu jira, waggaa tokko keessa ji'a kudha lamatu jiru,
waggaa tokko keessa guyyaa 354 ta'a. Dhahaan kun torban kan hinqabne yoo ta'u guyyonni ji'aa
tokko keessa jiran hundi maqaa garaa garaa qabu. Dhahaan Booranaa addeessaa fi urjiiwwan
irratti hundaa'a. Addeessii ji’a ji’aan naanna’ee ba’a. addeessii yoo ba’u boca addaa addaa
horachuun ba’a(ji’aa ji’atti garaagarummaa qaba).urjiileen ammoji’a gara ji’aatti kallattii isaanii
jijjiiruun addeessa marsanii ba’u. hariiroon baatii fi urjiilee jidduu jiru kun kan yeroo wal qabatu
waan ta’eef ji’a tokko guutuu guyyaa guyyaatti taateewwaan garaa garaa(baat bocaa fi kallattii
garaa garaa agarsiisu). Adeemsii kunis waggaa tokkoof (guyyaa 354f) wal jijjiiraa itti fufa.
Hariiroon baatii urjiilee kan kan yeroo waliin jijjiiramaa deeman kun lakkoofsa dhahaa oromoo
Booranaatiif bu’uura guddaa kan buuseedha. Haaluma kanaan jaarsii oromoo Booranaa
tokko(Ayyaantuun) kallattii fi boca urjii fi baatii ilaaluun waqtii sirriitti himuu ni danda’a jechuu.
Dandeettiin tun ammo muuxannoo yeroo dheeraa waan barbaadduuf hordoffii waggaa guutuu
kanyeroo dheeraa barbaachisti. Hunda caalaa kan nama ajaa’ibu ammo oromoon Booranaa kun
waqtii fi kallattii urjiilee dhahaa kan wal qabsiisuuf fiiziksii ajaa’iba ta’een dhagaa lafa irratti
bocame kan kallattiilee urjii fi waqtiilee waggaa agarsiisu kan
“NAMOORAATUNGAA”(dhagaa uummataa) jedhamu kan kaaba Keeniyaa naannoo hara
Turkaanaatti argamu yoo ta,u waggoota 300BC dura kan
bocameedha.********************************
NAMOORAATUNGAAN iddoo hawwata turiizimii fi qorannoo arkiyoo-astiroonoomii kaaba
Keeniyaa keessatti argamu kan utubaan dhagaa kan kallattii urjiiwwan Dhahaa Booranaa
keessatti itti fayyadaman agarsiisuun dhaabamee argameedha. Namoraatungaa II utubaa dhagaa
baazaaltii 19 kan qabu yoo ta'u dhagoonni kunis kallattii urjiiwwan torban Dhahaa Booranaa
keessatti fayyadanitti garagalee argama; urjiiwwan kunis LAMII (Triangulum), BUUSAN
(Pleiades), ALGAAJIMA (Bellatrix), BAKKALCHA (Aldebaran), ARBA GAADDUU (Central
Orion), URJII WALLAA (Saiph) fi BASA (Sirius) jedhamu.
Ji'a tokko kaan irraa addaan baasanii beekuf, marsaa addeessii irra jirtu urjii dhahaa wajjin
walitti laaluun barama.
Lakkoofsii Dhaha Booranaa ji'oota 12 qaba. Dhahii addeessa irratti waan hundaa'uuf, ji'a tokko
keessa guyyoota 29.5 qabata. Kunis waggaa keessatti guyyaa 354 ta.a.
Dhahii Booranaa dhahaa urjii fi addeessa irratti hundaa'u waan ta'eef, addeessaa fi urjiiwwan
torba waliin daawwachuu barbaachisa. Maqaan ji'oota Dhahaa Booranaa urjiilee fi boca baatii:
MAQAA JI'AA URJII DHAHAA MAQAA INGILIFFAA
1. Bittatteessa Lamii Triangulum
2. Caamsaa Buusan Pleiades
3. Buufaa Bakkalcha Aldebaran
4. Wacaabajjii Algaajima Belletrix
5. Oboraa Guddaa Arba Gaadduu Central Orion
6. Oboraa Diqqaa Basa Sirius
7. Birraa addeessa goobana(full moon)
8. Ciqawaa addeessa walakkaa caalu
9. Sadaasa addeessa nuusa(quarter
moon)
10. Abrasaa baatii guddoo
11. Ammajii baatii giddu-galeettii
12. Gurraandhala baatii diqqoo
Maqaan guyyoota ji'aa 27tu jira. Kanaafis, maqaan jalqabaa lama ykn sadi'i ji'a tokko keessatti
irra deddeebi'ama.
1.Bita qaraa 18. Adula Duraa
2.bita lama 19. Adula Balloo
10. Gidaada 20. Magantii Jaarraa
3. Garddaduma 11.Walla 21. Magatii Biriitii
4. Sonsa 12. Ruda 22. Garba Duraa
5. Sorsa 13. Basa 23. Garba Ballaa
6. Rurruma 14. Basa 24. Garba Dullacha
7. Algaajima 15. Areerii Duraa 25. Salbaana Duraa
8. Lumaasa 16. Areerii Balloo 26. Salbaana Ballaa
9. Arba 17. Carra 27. Salbaana Dullacha
*********WAGGAA HAARAA?*****
Akka Dhahaa Booranaatti, waggaaN haaran ji'a Bitttessaatti gaafa guyyaa "Bittaa Qaraa"
jalqaba. Kunis yeroo addeessi baatin urjii Lamii wajjin mul'atedha. Kana booda, Dhahaan
Booranaa maqaa guyyoota ji'aa calluma jedhee hordofuudhan amma ji'i kun dhumutti deema. Ji'i
itti aanu yeroo addeessii(baatiin) urjii Buusan jedhamtu waliin baatu jalqaba. Kunis erga ji'i
Bittatteessaa jalqabee guyyaa 29.5 booda kan uummamudha. Haa ta'u malee, maqaan guyyoota
ji'aa 27 qofa waan ta'eef, guyyoonni ji'a keessa jiran osoo hin dhumin maqaan guyyaa dhuma.
Kunis adeemsuma dhahichaati. Guyyoonnii hafan maqaa jalqaba ji'a irratti fayyadaman irra
deebi'uun dhuma ji'aatti fayyadamu. Kunis ji'oota hunduma keessatti tokko yoo ta'u haga urjiin
dhahaa fi addeessii waliin dhufanittii jalqa ji'arratti guyyaa lamaa fi sadi'i gidduutti darbuu
danda'a. Ji'ii inni sadaffaan yeroo baatiin Bakkalcha waliin baate jalqaba. Adeemsi kun ji'oota
ja'an jalqabaatif urjoota hafan waliin ittuma fufuun kan deemu ta'a. Urjiiwwan dhahaa kun ji'a
ja'an hafaniif Oromiyaa keessatti sirumayyuu hin ba'ani. Kanaafuu, jalqaba ji'oota kanaa urjoota
dhahaa odoo hin fayyadamin addeessuma qofa ilaalun murteeffama.
******HORAA BULAA DEEBANAA***
#KULAA JILOOTI.
AMAJJII 2016/AMAJJII 6410 ALG

Mais conteúdo relacionado

Semelhante a BORANA OROMO CALENDER

Public international law that show the main objective and the real concept of...
Public international law that show the main objective and the real concept of...Public international law that show the main objective and the real concept of...
Public international law that show the main objective and the real concept of...ctafese40
 
sakatta'a og-barruuuuuuuuuuuuuuu or.pptx
sakatta'a og-barruuuuuuuuuuuuuuu or.pptxsakatta'a og-barruuuuuuuuuuuuuuu or.pptx
sakatta'a og-barruuuuuuuuuuuuuuu or.pptxGuutaaDirbabaa
 
Sakatta'aa ogbarruu oromooOOOOOOOOOO.pptx
Sakatta'aa ogbarruu oromooOOOOOOOOOO.pptxSakatta'aa ogbarruu oromooOOOOOOOOOO.pptx
Sakatta'aa ogbarruu oromooOOOOOOOOOO.pptxGuutaaDirbabaa
 
Boqonnaa tokko
Boqonnaa tokkoBoqonnaa tokko
Boqonnaa tokkodinqicala
 
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdfFayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdfgdirbabaa8
 

Semelhante a BORANA OROMO CALENDER (8)

Akkaatummaa - Dhiheessa.pptx
Akkaatummaa - Dhiheessa.pptxAkkaatummaa - Dhiheessa.pptx
Akkaatummaa - Dhiheessa.pptx
 
Public international law that show the main objective and the real concept of...
Public international law that show the main objective and the real concept of...Public international law that show the main objective and the real concept of...
Public international law that show the main objective and the real concept of...
 
sakatta'a og-barruuuuuuuuuuuuuuu or.pptx
sakatta'a og-barruuuuuuuuuuuuuuu or.pptxsakatta'a og-barruuuuuuuuuuuuuuu or.pptx
sakatta'a og-barruuuuuuuuuuuuuuu or.pptx
 
Barumsa bu
Barumsa buBarumsa bu
Barumsa bu
 
Sakatta'aa ogbarruu oromooOOOOOOOOOO.pptx
Sakatta'aa ogbarruu oromooOOOOOOOOOO.pptxSakatta'aa ogbarruu oromooOOOOOOOOOO.pptx
Sakatta'aa ogbarruu oromooOOOOOOOOOO.pptx
 
Booruu
BooruuBooruu
Booruu
 
Boqonnaa tokko
Boqonnaa tokkoBoqonnaa tokko
Boqonnaa tokko
 
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdfFayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
 

BORANA OROMO CALENDER

  • 1. ***NAMOORAATUNGAAN MAALI? ***KALAANDARIIN OROMOO HOO? *** suura dhagaa namooraatungaa. Jalqaba baga bara faranjootaa kan 2016 fi bara gadaa oromoo kan 6410 geettan!! ***************************************************************************** Ummannii oromoo uummata addunyaa kalandarii mataa isaanii qaban afran keessaa isa tokkoodha.Lakkoofsii dhahaa Oromoo kun bara 300 BC(dhaloota kiristoon dura) dura lakkaa’amaa akka ture hayyoonnii seenaa ni dubbatu. Kalandariin oromoo kun oromoo mara biratti bifa walfakkaataan turuyyuu balinnaa fi haala teessuma lafaa irraa kan ka’e diqqoo garaagarummaa qabaachuu ni mala. ***Mee OROMOO BOORANAA biratti maal fakkaata?*** lakkoofsii dhahaa Booranaa kun akkataa ittiin ummanni Oromoo Booranaa guyyaa, ji'aa fi waggaa lakkaawwudha. Lakkoofsii kun Dhaloota Kiristoos Dura bara 300tti ummame. Akka dhahaa kanaatti ji'a keessa guyyaa 29.5tu jira, waggaa tokko keessa ji'a kudha lamatu jiru, waggaa tokko keessa guyyaa 354 ta'a. Dhahaan kun torban kan hinqabne yoo ta'u guyyonni ji'aa tokko keessa jiran hundi maqaa garaa garaa qabu. Dhahaan Booranaa addeessaa fi urjiiwwan irratti hundaa'a. Addeessii ji’a ji’aan naanna’ee ba’a. addeessii yoo ba’u boca addaa addaa horachuun ba’a(ji’aa ji’atti garaagarummaa qaba).urjiileen ammoji’a gara ji’aatti kallattii isaanii jijjiiruun addeessa marsanii ba’u. hariiroon baatii fi urjiilee jidduu jiru kun kan yeroo wal qabatu waan ta’eef ji’a tokko guutuu guyyaa guyyaatti taateewwaan garaa garaa(baat bocaa fi kallattii garaa garaa agarsiisu). Adeemsii kunis waggaa tokkoof (guyyaa 354f) wal jijjiiraa itti fufa. Hariiroon baatii urjiilee kan kan yeroo waliin jijjiiramaa deeman kun lakkoofsa dhahaa oromoo Booranaatiif bu’uura guddaa kan buuseedha. Haaluma kanaan jaarsii oromoo Booranaa
  • 2. tokko(Ayyaantuun) kallattii fi boca urjii fi baatii ilaaluun waqtii sirriitti himuu ni danda’a jechuu. Dandeettiin tun ammo muuxannoo yeroo dheeraa waan barbaadduuf hordoffii waggaa guutuu kanyeroo dheeraa barbaachisti. Hunda caalaa kan nama ajaa’ibu ammo oromoon Booranaa kun waqtii fi kallattii urjiilee dhahaa kan wal qabsiisuuf fiiziksii ajaa’iba ta’een dhagaa lafa irratti bocame kan kallattiilee urjii fi waqtiilee waggaa agarsiisu kan “NAMOORAATUNGAA”(dhagaa uummataa) jedhamu kan kaaba Keeniyaa naannoo hara Turkaanaatti argamu yoo ta,u waggoota 300BC dura kan bocameedha.******************************** NAMOORAATUNGAAN iddoo hawwata turiizimii fi qorannoo arkiyoo-astiroonoomii kaaba Keeniyaa keessatti argamu kan utubaan dhagaa kan kallattii urjiiwwan Dhahaa Booranaa keessatti itti fayyadaman agarsiisuun dhaabamee argameedha. Namoraatungaa II utubaa dhagaa baazaaltii 19 kan qabu yoo ta'u dhagoonni kunis kallattii urjiiwwan torban Dhahaa Booranaa keessatti fayyadanitti garagalee argama; urjiiwwan kunis LAMII (Triangulum), BUUSAN (Pleiades), ALGAAJIMA (Bellatrix), BAKKALCHA (Aldebaran), ARBA GAADDUU (Central Orion), URJII WALLAA (Saiph) fi BASA (Sirius) jedhamu. Ji'a tokko kaan irraa addaan baasanii beekuf, marsaa addeessii irra jirtu urjii dhahaa wajjin walitti laaluun barama. Lakkoofsii Dhaha Booranaa ji'oota 12 qaba. Dhahii addeessa irratti waan hundaa'uuf, ji'a tokko keessa guyyoota 29.5 qabata. Kunis waggaa keessatti guyyaa 354 ta.a. Dhahii Booranaa dhahaa urjii fi addeessa irratti hundaa'u waan ta'eef, addeessaa fi urjiiwwan torba waliin daawwachuu barbaachisa. Maqaan ji'oota Dhahaa Booranaa urjiilee fi boca baatii: MAQAA JI'AA URJII DHAHAA MAQAA INGILIFFAA 1. Bittatteessa Lamii Triangulum 2. Caamsaa Buusan Pleiades 3. Buufaa Bakkalcha Aldebaran 4. Wacaabajjii Algaajima Belletrix 5. Oboraa Guddaa Arba Gaadduu Central Orion 6. Oboraa Diqqaa Basa Sirius 7. Birraa addeessa goobana(full moon) 8. Ciqawaa addeessa walakkaa caalu 9. Sadaasa addeessa nuusa(quarter moon) 10. Abrasaa baatii guddoo 11. Ammajii baatii giddu-galeettii 12. Gurraandhala baatii diqqoo Maqaan guyyoota ji'aa 27tu jira. Kanaafis, maqaan jalqabaa lama ykn sadi'i ji'a tokko keessatti irra deddeebi'ama.
  • 3. 1.Bita qaraa 18. Adula Duraa 2.bita lama 19. Adula Balloo 10. Gidaada 20. Magantii Jaarraa 3. Garddaduma 11.Walla 21. Magatii Biriitii 4. Sonsa 12. Ruda 22. Garba Duraa 5. Sorsa 13. Basa 23. Garba Ballaa 6. Rurruma 14. Basa 24. Garba Dullacha 7. Algaajima 15. Areerii Duraa 25. Salbaana Duraa 8. Lumaasa 16. Areerii Balloo 26. Salbaana Ballaa 9. Arba 17. Carra 27. Salbaana Dullacha *********WAGGAA HAARAA?***** Akka Dhahaa Booranaatti, waggaaN haaran ji'a Bitttessaatti gaafa guyyaa "Bittaa Qaraa" jalqaba. Kunis yeroo addeessi baatin urjii Lamii wajjin mul'atedha. Kana booda, Dhahaan Booranaa maqaa guyyoota ji'aa calluma jedhee hordofuudhan amma ji'i kun dhumutti deema. Ji'i itti aanu yeroo addeessii(baatiin) urjii Buusan jedhamtu waliin baatu jalqaba. Kunis erga ji'i Bittatteessaa jalqabee guyyaa 29.5 booda kan uummamudha. Haa ta'u malee, maqaan guyyoota ji'aa 27 qofa waan ta'eef, guyyoonni ji'a keessa jiran osoo hin dhumin maqaan guyyaa dhuma. Kunis adeemsuma dhahichaati. Guyyoonnii hafan maqaa jalqaba ji'a irratti fayyadaman irra deebi'uun dhuma ji'aatti fayyadamu. Kunis ji'oota hunduma keessatti tokko yoo ta'u haga urjiin dhahaa fi addeessii waliin dhufanittii jalqa ji'arratti guyyaa lamaa fi sadi'i gidduutti darbuu danda'a. Ji'ii inni sadaffaan yeroo baatiin Bakkalcha waliin baate jalqaba. Adeemsi kun ji'oota ja'an jalqabaatif urjoota hafan waliin ittuma fufuun kan deemu ta'a. Urjiiwwan dhahaa kun ji'a ja'an hafaniif Oromiyaa keessatti sirumayyuu hin ba'ani. Kanaafuu, jalqaba ji'oota kanaa urjoota dhahaa odoo hin fayyadamin addeessuma qofa ilaalun murteeffama. ******HORAA BULAA DEEBANAA*** #KULAA JILOOTI. AMAJJII 2016/AMAJJII 6410 ALG