SlideShare uma empresa Scribd logo
1 de 8
Barnoota 8ffaa Hagayya 20, 2022
Heertuu Yaadannoo:
“Inni amantiidhaan dheekkamsa mootichaa
utuu hin sodaatin biyya Gibxii ba’e; isa
ijaan hin argamne akka waan arguuttis
yaada isaatti jabaate” (Ibr.11:27)
“inni qajeelaan kan kootii, amatiidhaan jireenya dhugaa in argata;namni yoo dugda anatti
gate garuu, garaan koo itti hin gammadu" in jedha.” (Ibr. 10:38 NIV).
Argamuun Waaqayyoo nutti dhaga’amee jira, humna isaas yeroo baay’ee
hojiidhaan argineerra. Haa ta’u malee, yeroon nutti dhaga’amuu ykn harka isaa isa
humna qabu tasumaa arguu hin dandeenyetu jira. Callisummaa fi dukkana
qofaadha.
Yeroon sun yeroo amantiin keenya baay’ee nu barbaachisu waan ta’eef “akka isa
hin mul’anne arginutti” itti fufuu dandeenya (Ibr. 11:27). Humna Waaqayyo
amantiidhaan nuuf kennu hundumaatti fayyadamuu qabna.
Qabiyyee Barnoota kanaa
Abbaa keenya Isa Qixxee hin Qabne
“Waaqayyo gara keenya erga ta'ee, eenyutu nu irratti ka'a jenna ree?”
Rom. 8:31
“Waaqayyo jaalala” (1Yoh. 4:8) akka ta’e ni beekna. Haa taʼu malee,
yeroo tokko tokko shakkuu dandeenya. Jaalala yoo ta’e yeroo
rakkisaa keessatti maaliif akka inni nu dagatutti dhaga’ama? Maaliif
waan gaarii fi barbaachisaa ta’e isa beeknu hundumaa nuuf hin
kennu? Maalif…?
Roomaa 8:28-39 qayyabachuudhaan, Waaqayyo wanta gaarii nuuf
gochuu akka dandaʼuu fi akka barbaadu sababii itti amannu ni
arganna.
Waaqayyo wanti
hundinuu gaarummaaf
akka waliin hojjetu
gochuu danda'a, yeroo
ifa hin fakkaannellee
(lakk. 28) .
“Erga hunda keenyaaf jedhee
Ilma isaa illee hin dhiifne, waan
biraa hundumaas nuuf hin
kennu?” (lakk. 32 NLT).
“Waanuma tokko isin maqaa kootiin yoo
kadhattan, ani nan raawwadha" jedheen.”
Yoh. 14:14
Yesuus gaaffii keenya gara Waaqayyootti fidnee
maqaa isaatiin akka inni gidduu seenu akka
gaafannu nu barsiiseera.
Gaaffiin keenya “maqaa Yesuusiin” yommuu
taʼu, maashinarri samii hundi bakka keenya
buʼee akka hojjetu mirkanaaʼoo taʼuu
dandeenya. Ergamoonni naannoo keenya
hundatti hojjechaa jiran arguu dhiisuu
dandeenya. Garuu isaan—maqaa Yesuusiin
teessoo samii irraa ergamaniiru, gaaffii keenya
akka raawwataniif.
Waaqayyo kadhannaa keenyaaf karaa adda
addaatiin deebii kenna. Yeroo tokko tokko
deebii battalaa fi diraamaa taʼe argachuu
dandeenya. Yeroo biraa immoo deebii tokkollee
waan hin jirre fakkaachuu danda’a, eeguu qofa
qabna. Kadhannaan yeroo hundumaa ni
dhaga’ama, Waaqayyos duruu irratti hojjechaa
jira. Deebii isaa dhuma irratti ni arganna.
“Kanaafis isa duwwaa beekuu, humna du'aa ka'uu isaas miyeeffachuu, dhiphina isaa
irraa, du'a isaa irraas hirmaachuu nan barbaada.” Filp. 3:10
Phaawuloos Yesuus du’aa ka’ee ulfina akka argate
yaadachuudhaan humna Waaqayyoo seensiseera (Efe.
1:19-20).
Kun bu’uura abdii fi dhaala keenyaati (Efe. 1:18). Humna
du’aa ka’uu Yesus keessatti mul’ate sun har’as nu bira jira.
Du’aa ka’uun Yesuus humna isa “aboo,
olaantummaa, humnaa fi aangoo
hundumaa irra fagoo ta’e” (Efe. 1:21) akka
argannu wabii nuuf kenna.
Kana malees, dhuma irratti “isa waliin
moo’a” (2Xim. 2:12).
“Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!”
1Phe. 5:7
Phexros ergamaan yaaddoo keenya HUNDA Yesuus irratti akka
darbannu nu jajjabeesse. Rakkoon baay’ee xiqqaa ykn guddaa
Isaaf hin jiru.
Yesuus rakkoo keenya dafnee harka isaa irra akka kaa'an
barbaada. Hanga carraa jiru hunda fixnutti eeguu hin qabnu.
Kana malees, erga harka isaa irra kaa’annee booda,
rakkoowwan sanaaf yaaddoon nutti dhaga’amuu
akka dhaabnu barbaada. Amma isaan kan isaati,
furmaata ni kenna.
Inni waan nuuf yaaduuf isa amanachuu dandeenya.
Inni baayʼee waan nuuf yaadu waan taʼeef, wanta
gaarii keenyaaf barbaachisu hunda ni godha.
DUKKANA IRRATTI AANGOO
“Yaa Yaaqoob, yaa Israa'el, "Karaan koo Waaqayyo duraa in
dhokate, firdiin koos Waaqayyo koo biratti anaaf hin ilaalamne"
jettee maaliif dubbatta? Maaliifis komatta?” Isa. 40:27
Waaqayyo nuuf hin yaadu jennee yaaduun baay’ee nama dhiphisa
ta’a. Akka waan dukkana keessa jiraachuu ifa hin qabnee karaa
ibsuuti.
Labsiin du’aa hammam nama dhiphisuu akka danda’u
yaadi, haqamuu ykn karaa ba’uu tokko malee (Dan.
6:7-8, 16; As. 3:13). Karaan nageenya qabu “akka isa
hin mul’annetti” (Ibr. 11:27) itti fufuu qofaadha, isa
tokkicha humna nu fayyisuu qabudha.
Muuxannoon Israa’el yeroo boojuu Baabiloon sun kanuma ture (Is.
40:27). Waaqayyo humna isaa “hin dadhabu, isin hin buusus” jechuun
isaan yaadachiise (Is. 40:28). “Nama dadhabeef humna ni kenna,
humna dadhabaas ni dabala.” (Is. 40:29 NIV).
“Yesus akka isa duukaa buunu nu hin waamu,
achiis nun dhiisu. Jireenya keenya tajaajila isaaf
yoo dabarsinee kennine, gonkumaa bakka
Waaqayyo qophii hin goone keessa kaa’amuu hin
dandeenyu. Haalli keenya maal haa ta’u,
Qajeelfama karaa keenya qajeelchu qabna;
burjaajiin keenya maal iyyuu yoo ta’e, Gorsaa
mirkanaa’aa qabna; gaddi, gadda ykn
kophummaa keenya maal iyyuu yoo taʼe, Michuu
namaaf mararfatu qabna.”
E. G. W. (Gospel Workers, p. 263)

Mais conteúdo relacionado

Semelhante a Barnoota_8ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx

Barnoota_9ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barnoota_9ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptxBarnoota_9ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barnoota_9ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptxTakele Dufera
 
Barumsa Sanbataa 9ffaa A_Oromo_2022t209.pptx
Barumsa Sanbataa 9ffaa A_Oromo_2022t209.pptxBarumsa Sanbataa 9ffaa A_Oromo_2022t209.pptx
Barumsa Sanbataa 9ffaa A_Oromo_2022t209.pptxTakele Dufera
 
Barumsa Sanbataa_Barnoota5ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barumsa Sanbataa_Barnoota5ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptxBarumsa Sanbataa_Barnoota5ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barumsa Sanbataa_Barnoota5ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptxTakele Dufera
 
Afaan_Oromoo_2022n2b12.pptx
Afaan_Oromoo_2022n2b12.pptxAfaan_Oromoo_2022n2b12.pptx
Afaan_Oromoo_2022n2b12.pptxTakele Dufera
 
Barumsa Sanbataa_Barnoota2ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barumsa Sanbataa_Barnoota2ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptxBarumsa Sanbataa_Barnoota2ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barumsa Sanbataa_Barnoota2ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptxTakele Dufera
 
Afaan_Oromoo_2022n2b10.pptx
Afaan_Oromoo_2022n2b10.pptxAfaan_Oromoo_2022n2b10.pptx
Afaan_Oromoo_2022n2b10.pptxTakele Dufera
 

Semelhante a Barnoota_8ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx (20)

Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumnBarnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
 
Barnoota dhuugaa Wangeelaa
Barnoota dhuugaa WangeelaaBarnoota dhuugaa Wangeelaa
Barnoota dhuugaa Wangeelaa
 
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumnBarnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
 
tajaajila wangeelaa
tajaajila wangeelaatajaajila wangeelaa
tajaajila wangeelaa
 
Barnoota_9ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barnoota_9ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptxBarnoota_9ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barnoota_9ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
 
Barumsa Sanbataa 9ffaa A_Oromo_2022t209.pptx
Barumsa Sanbataa 9ffaa A_Oromo_2022t209.pptxBarumsa Sanbataa 9ffaa A_Oromo_2022t209.pptx
Barumsa Sanbataa 9ffaa A_Oromo_2022t209.pptx
 
A/Oromo_2022t207.pptx
A/Oromo_2022t207.pptxA/Oromo_2022t207.pptx
A/Oromo_2022t207.pptx
 
Barumsa Sanbataa_Barnoota5ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barumsa Sanbataa_Barnoota5ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptxBarumsa Sanbataa_Barnoota5ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barumsa Sanbataa_Barnoota5ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
 
Afaan_Oromoo_2022n2b12.pptx
Afaan_Oromoo_2022n2b12.pptxAfaan_Oromoo_2022n2b12.pptx
Afaan_Oromoo_2022n2b12.pptx
 
Barumsa Sanbataa_Barnoota2ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barumsa Sanbataa_Barnoota2ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptxBarumsa Sanbataa_Barnoota2ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
Barumsa Sanbataa_Barnoota2ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx
 
Oromo - Testament of Zebulun.pdf
Oromo - Testament of Zebulun.pdfOromo - Testament of Zebulun.pdf
Oromo - Testament of Zebulun.pdf
 
Oromo - Book of Baruch.pdf
Oromo - Book of Baruch.pdfOromo - Book of Baruch.pdf
Oromo - Book of Baruch.pdf
 
Oromo - Poverty.pdf
Oromo - Poverty.pdfOromo - Poverty.pdf
Oromo - Poverty.pdf
 
Afaan_Oromoo_2022n2b10.pptx
Afaan_Oromoo_2022n2b10.pptxAfaan_Oromoo_2022n2b10.pptx
Afaan_Oromoo_2022n2b10.pptx
 
Oromo - Bel and the Dragon.pdf
Oromo - Bel and the Dragon.pdfOromo - Bel and the Dragon.pdf
Oromo - Bel and the Dragon.pdf
 
Oromo - The Precious Blood of Jesus Christ.pdf
Oromo - The Precious Blood of Jesus Christ.pdfOromo - The Precious Blood of Jesus Christ.pdf
Oromo - The Precious Blood of Jesus Christ.pdf
 
Oromo - The Gospel of Nicodemus formerly called The Acts of Pontius Pilate.pdf
Oromo - The Gospel of Nicodemus formerly called The Acts of Pontius Pilate.pdfOromo - The Gospel of Nicodemus formerly called The Acts of Pontius Pilate.pdf
Oromo - The Gospel of Nicodemus formerly called The Acts of Pontius Pilate.pdf
 
Oromo - Testament of Dan.pdf
Oromo  - Testament of Dan.pdfOromo  - Testament of Dan.pdf
Oromo - Testament of Dan.pdf
 
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdfOromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
 
Barumsa bu
Barumsa buBarumsa bu
Barumsa bu
 

Barnoota_8ffaa_nuusa3ffaa_2022.pptx

  • 1. Barnoota 8ffaa Hagayya 20, 2022 Heertuu Yaadannoo: “Inni amantiidhaan dheekkamsa mootichaa utuu hin sodaatin biyya Gibxii ba’e; isa ijaan hin argamne akka waan arguuttis yaada isaatti jabaate” (Ibr.11:27)
  • 2. “inni qajeelaan kan kootii, amatiidhaan jireenya dhugaa in argata;namni yoo dugda anatti gate garuu, garaan koo itti hin gammadu" in jedha.” (Ibr. 10:38 NIV). Argamuun Waaqayyoo nutti dhaga’amee jira, humna isaas yeroo baay’ee hojiidhaan argineerra. Haa ta’u malee, yeroon nutti dhaga’amuu ykn harka isaa isa humna qabu tasumaa arguu hin dandeenyetu jira. Callisummaa fi dukkana qofaadha. Yeroon sun yeroo amantiin keenya baay’ee nu barbaachisu waan ta’eef “akka isa hin mul’anne arginutti” itti fufuu dandeenya (Ibr. 11:27). Humna Waaqayyo amantiidhaan nuuf kennu hundumaatti fayyadamuu qabna. Qabiyyee Barnoota kanaa
  • 3. Abbaa keenya Isa Qixxee hin Qabne “Waaqayyo gara keenya erga ta'ee, eenyutu nu irratti ka'a jenna ree?” Rom. 8:31 “Waaqayyo jaalala” (1Yoh. 4:8) akka ta’e ni beekna. Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko shakkuu dandeenya. Jaalala yoo ta’e yeroo rakkisaa keessatti maaliif akka inni nu dagatutti dhaga’ama? Maaliif waan gaarii fi barbaachisaa ta’e isa beeknu hundumaa nuuf hin kennu? Maalif…? Roomaa 8:28-39 qayyabachuudhaan, Waaqayyo wanta gaarii nuuf gochuu akka dandaʼuu fi akka barbaadu sababii itti amannu ni arganna. Waaqayyo wanti hundinuu gaarummaaf akka waliin hojjetu gochuu danda'a, yeroo ifa hin fakkaannellee (lakk. 28) . “Erga hunda keenyaaf jedhee Ilma isaa illee hin dhiifne, waan biraa hundumaas nuuf hin kennu?” (lakk. 32 NLT).
  • 4. “Waanuma tokko isin maqaa kootiin yoo kadhattan, ani nan raawwadha" jedheen.” Yoh. 14:14 Yesuus gaaffii keenya gara Waaqayyootti fidnee maqaa isaatiin akka inni gidduu seenu akka gaafannu nu barsiiseera. Gaaffiin keenya “maqaa Yesuusiin” yommuu taʼu, maashinarri samii hundi bakka keenya buʼee akka hojjetu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Ergamoonni naannoo keenya hundatti hojjechaa jiran arguu dhiisuu dandeenya. Garuu isaan—maqaa Yesuusiin teessoo samii irraa ergamaniiru, gaaffii keenya akka raawwataniif. Waaqayyo kadhannaa keenyaaf karaa adda addaatiin deebii kenna. Yeroo tokko tokko deebii battalaa fi diraamaa taʼe argachuu dandeenya. Yeroo biraa immoo deebii tokkollee waan hin jirre fakkaachuu danda’a, eeguu qofa qabna. Kadhannaan yeroo hundumaa ni dhaga’ama, Waaqayyos duruu irratti hojjechaa jira. Deebii isaa dhuma irratti ni arganna.
  • 5. “Kanaafis isa duwwaa beekuu, humna du'aa ka'uu isaas miyeeffachuu, dhiphina isaa irraa, du'a isaa irraas hirmaachuu nan barbaada.” Filp. 3:10 Phaawuloos Yesuus du’aa ka’ee ulfina akka argate yaadachuudhaan humna Waaqayyoo seensiseera (Efe. 1:19-20). Kun bu’uura abdii fi dhaala keenyaati (Efe. 1:18). Humna du’aa ka’uu Yesus keessatti mul’ate sun har’as nu bira jira. Du’aa ka’uun Yesuus humna isa “aboo, olaantummaa, humnaa fi aangoo hundumaa irra fagoo ta’e” (Efe. 1:21) akka argannu wabii nuuf kenna. Kana malees, dhuma irratti “isa waliin moo’a” (2Xim. 2:12).
  • 6. “Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!” 1Phe. 5:7 Phexros ergamaan yaaddoo keenya HUNDA Yesuus irratti akka darbannu nu jajjabeesse. Rakkoon baay’ee xiqqaa ykn guddaa Isaaf hin jiru. Yesuus rakkoo keenya dafnee harka isaa irra akka kaa'an barbaada. Hanga carraa jiru hunda fixnutti eeguu hin qabnu. Kana malees, erga harka isaa irra kaa’annee booda, rakkoowwan sanaaf yaaddoon nutti dhaga’amuu akka dhaabnu barbaada. Amma isaan kan isaati, furmaata ni kenna. Inni waan nuuf yaaduuf isa amanachuu dandeenya. Inni baayʼee waan nuuf yaadu waan taʼeef, wanta gaarii keenyaaf barbaachisu hunda ni godha.
  • 7. DUKKANA IRRATTI AANGOO “Yaa Yaaqoob, yaa Israa'el, "Karaan koo Waaqayyo duraa in dhokate, firdiin koos Waaqayyo koo biratti anaaf hin ilaalamne" jettee maaliif dubbatta? Maaliifis komatta?” Isa. 40:27 Waaqayyo nuuf hin yaadu jennee yaaduun baay’ee nama dhiphisa ta’a. Akka waan dukkana keessa jiraachuu ifa hin qabnee karaa ibsuuti. Labsiin du’aa hammam nama dhiphisuu akka danda’u yaadi, haqamuu ykn karaa ba’uu tokko malee (Dan. 6:7-8, 16; As. 3:13). Karaan nageenya qabu “akka isa hin mul’annetti” (Ibr. 11:27) itti fufuu qofaadha, isa tokkicha humna nu fayyisuu qabudha. Muuxannoon Israa’el yeroo boojuu Baabiloon sun kanuma ture (Is. 40:27). Waaqayyo humna isaa “hin dadhabu, isin hin buusus” jechuun isaan yaadachiise (Is. 40:28). “Nama dadhabeef humna ni kenna, humna dadhabaas ni dabala.” (Is. 40:29 NIV).
  • 8. “Yesus akka isa duukaa buunu nu hin waamu, achiis nun dhiisu. Jireenya keenya tajaajila isaaf yoo dabarsinee kennine, gonkumaa bakka Waaqayyo qophii hin goone keessa kaa’amuu hin dandeenyu. Haalli keenya maal haa ta’u, Qajeelfama karaa keenya qajeelchu qabna; burjaajiin keenya maal iyyuu yoo ta’e, Gorsaa mirkanaa’aa qabna; gaddi, gadda ykn kophummaa keenya maal iyyuu yoo taʼe, Michuu namaaf mararfatu qabna.” E. G. W. (Gospel Workers, p. 263)