1. 1
BARUMSA BU'UURAAMANTII KIRISTAANAA
K U T A A 1 : J I R E E N Y A H A A R A A K I R I R S T O O S I T T I A M A N U U D H A A N
A R G A c h u u
1. Jireenya Haaraa
Yeroo itti Gooftaa Yasuusiin gara jireenya keetti affeertee eegalee, akka abdii ofii isaatii siif kenneetti
Inni gara jireenya kee dhufee jira. Mul. 3:20 “kunoo, ani balabala dura dhaabadhee balabala nan
rurrukuta; namni sagalee koo dhaga’ee yoo anaaf bane, ani ol nan lixa, isaa wajjinis maaddiitti nan
dhiyaadha, innis anaa wajjin in ynaata”
Akka dubbii Waaqayyoo kanaatti: balbala inni jedhu laphee/onnee keenya agarsiisa. Ga'een kee
immoo onnee kee bantee Gooftaa Yasuusiin gara jirreenya keetti simachuudha. Ga’een Gooftaas
gara jireenya keetti ol seenee si keessa jiraachuudha. Ati Kiristoosiin gara jireenya keetiitti kan
affeerte akkaataa kanattii?
Yoo Kiristoosiin gara jireenya keetti akkasitti affeertte ta’eef, jireenya kee ilaalchisee kiristoos amma
karaa hafuura Isaa fi sagalee Isaa si keessa jiraachuu jalqabeera jechuudha.Amma kiristoos jireenya
kee keessa jiraachuu isaas amantiidhaan beekta jechuudha. Sabani isaa Inni Dubbii ofii Isaatiitiin
yoo nuti affeerre, gara jireenya keenyaa akka dhufu waadaa seeneera waanta'eef.
Egaa kana booda jireenyi kee, mana cubbuu fi Seexanaa otuu hin taane, mana qulqullummaa
Waaqayyoo ta'uutti geddarameera. Atis Gooftaa jiraataa ta'ee waj
2. Fayyinaa fi Mirkaneeffannoo
Namni Goofta Yasuusitti amanu tokko Kiristoosii wajjin tokkummaa sirrii ta’e akka qabu beekuu in
danda’a; beekuutus irra jira. Yoo kana beekee hin mirkaneeffatu ta’es mamtuu ta’a; gammachuu fi
nagaa dhugaa isa Kiristoositti amanuunargamu sana qabaachuu hin danda’u. Akkasumas jireenya
isaatiifis hiikkoo argachuu hin danda’u.
Amma ati Kirstoos gara jireenya kee waan dhufeefWaaqayyoo wajjin jireenya haaraa jalqabdeetta
jechuu dha. Kana jichuunkaraa dhugaa irra deemuu jalqabdeetta jechuudha. Jireenya haaraa kana
immoo kan argachuu dandeesseef jireenya amala gaariin ijaarame qabaachuu keen, maatii gaarii
irraa dhalachuu keetiinis miti. Ati Kiristaana kan ta’uu dandeesse sababa Kiristoos gara jireenya kee
dhufeef qofa. Kiristoos gara jireenya kee waan dhufeef jireenya haaraa ykn jireenya barabaraa
argaattee jirta. Kanaafis gammadi!
Mee 1Yoh: 5:11-13 dubbisitii sirriitti irratti yaadi. Akkas jedha, “Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf
kenne; egaa dhugaan isaa isa kana; jireenyi barabaraa kunis ilma isaa keessatti argama. Namn illma
Waaqayyoo hin qabne, jireenyicha hin qabu. Isin warri Maqaa ilma Waaqayyootti amantan, jireenya
bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniif kanhundmaa isiniif caafe. ” Akka kutaankun
heeruttis, . Jireenyi bara baraa kan argamu Ilma Waaqayyoo qabaachuudhan ta'a (1Yoh.5:11).
Kanaafis, namni Kiristoos jireenya isaa keessa jiru jireenya bara baraa qabata(1Yoh. 5:12). Ati
Jireenya bara baraa akka qabdu maaliin beekta? Deebiiin kee, 'Ilama Waaqayyoo Yasuus
Kiristoosiin fudhachuu koo waanan beekuuf' yoo ta'e sirriidha.
2. 2
Mee Yoh. 10: 27-29 dubbisi. “Hoolotni koo sagalee koo in dhaga’u, ani isaan beeka, isaanis na
duukaa in bu’u. Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna, isaan bara baraan hin badan, namni
tokko illee harka koo keessaa isaan hin butatu Abbaankoo inni anatti isaan kenne, hundumaa irra
guddaa dha; homtinuus harka abbaa koo keessaa isaan butachuu hin danda’u.” jedha Gooftaan
Yasuus.
Akka dubbii Yasuus dubbifatte kanaatti, harka Kiristoos keessaa kan si baafachuu danda'u jiraa?
eenyutu si butachuu danda’aa? Rom.8:35 fi 8: 38-39 itti dabalii dubbisi. siin immoo egaa sichi
jalala Kiristoosittii kan garagar si baasuu danda’u jira?
3. Eebba Jireenya Haaraa Kana Keessatti Argamanii
Kiristaana jechuun nama KirIstoosiin fudhatee, Kiristoosis isaa keessa jiraatu jechuu dha. Akka
Macaafni qulqulluunjedhutti yeroo Yasusiin gooftaa jireenya kee gootee fudhattee wantoonni
baa’een jireenya kee keessatti raawateera. Kana jechuunis yeroo sanaa jalqabdee eebba baay’ee
argatteetta jechuu dha. Isaan keessaas muraasni:
3.1. Fayyinaa fi dhiifamuu cubbuu
Fayyinni kennaa namootni, yemmuu Waaqayyo biraa dhiifamuu cubbuu isaanii argatanii amantii
isaanii Kiristoos irra kaa’atan, tola (otuu gaatii itti hin baasin) argatanidha. Efesoon 2:8-9 dubbusi.
Fayyinni mindaa namootni gatii hojii isaanii isa gaariin argatanotuu hin taane, karaa Yasuus
Kiristoositti amanuu kennaa namaaf kennamu dha (dabalii Tito 3:4-5 dubbisi). Ati dhiifamuu
cubbuu keetii argatteettaa? (Qola.1:13-14)
Fayyin ati Kiristoositti amanuudhaan argatte kunkan itti fufiinsa qabu dha. Kiristoosis erga takkaa
gara jireenya kee dhufee, raawwatee si hin dhiisu. ( Ibroota 13:5) kanaafis, Kiristoosiin gara jireenya
keetti kan fudhachuun siif ta'u yeroodhuma tokkicha. Isaa boodas isumaa wajjin waliif galtee
jiraachuudhaan itti fufta.
3.2. Uumama Haraa Ta’uu
Uumam haaraa ta’uunkun jijjiirama jireenyaa Kiristoositti amanuudhaan argamu dha. Akka
2Qoron.5:17 keessatti barreeffamee jirutti, . namni Kiristoosa keessa isaa jiru uumama haaraa ta'a.
Kun immoo jireenya isa moofaa sanattii adda kan bahe dha. Namni Kiristoosiin fudhate irraa sich
kan mul'atu Kiritoos malee namummaa moofaa miti (Qola 3:10 fi Efesoon 4:24 dubbisi).
3.3. Maatii Haaraa
Nuti yemmuu Yasuusiin fudhannu, namoota Yasuusitti amanuudhaan ijollee Waaqayyoo ta’anii
wajjin, firooma ykn tokkummaa uummanneera jechuu dha. dhaqnacha irrattis akka qaama tokkoo
taaneerra. Rome 12:4-5; 1Qoro. 12: 12-13 fi 27 dubbisi. Kiristaanonni kan biroonis ijoollota
waaqayyoowaanta’aniif walitti dhufeenyi ykn tokkummaan ati isaanii wajjin qabdu kan kan
obbolummaa ta'a jechuudha.
3.4. Mucaa Waaqayyoo Ta’uu
Yeroo Yasuusiin fudhanne ijoollota Waaqayyoo taaneerra. Hariiroon nu gidduutti uumames kan kan
abbummaa fi mucummaa ta’eera jechuu dha. Kiristoosin namoota fudhataniif haboonijoollee
3. 3
Waaqayyoo ta'uu kennameraaf (Yoh.1:12). Egaa nuyi ijoollee Waaqayyoo jedhamnee waamamuu
kan dandeenyeef Yasuus Kiristoosiin waan fudhanneef, maqaa Isaattis waan amanneef qofa (1Yoh.
3:1). Ijoollee warra (abbaa fi haadha) keenyaa kantaane fooniin irraa dhalachuu dhaan akka ta'e,
ijoollee Waaqayyoo kan nuti taanu immoo hafuuraan isa irraa dhalachuudhani dha (Yoh. 3:1-
3). Mucoolii Waaqayyootaaneerra erga ta'e immoo, dhaaltuu Mootummaa Isaas ni taana (Galat.4:
6-7).
BARUMSA BU'UURA AMANTII KIRISTAANAA
K U T A A 2 : T O K K U M M A A G A A R I I K I R S T O O S I I W A J J I N
Q A B A A C H U U
Seensa
Jireenyi Kiristoosii wajjiinii sakkoo (ethics) garii ykn immoo seer-u’uuraa jireenyaa qofa otuu
hin taane, qunnamtii Waaqayyo karaa Kiristoos namootatti ittiin of mul’isee fi qunnamtii
namoonnis Isaa wajjin qabaachuu qaban kan agarsiisu dha. Barumsi kunis maalummaa
tokkummaa ykn qunnamtii kanaatii fi amanaan tokko akkaataa itti qunnamtii kana jalqabu,
eeggatuu fi tokkummaa kanatti akkaataa itti guddatu barsiisa.
Jalqabbii jireenya haaraa
Kiristaanni tokko Kiristoosiin gara jireenya isaatti guyyaa affeeruu jireenya haaraa jalqabeera
(1Yoh. 1:3 dubbisi). Namni kamuu hammuma cubbuu jireenya isaa keessa jiru himachuu
shaakale, tokkummaa Waaqayyoo wajjin qabu eeggachuu danda’a. Tokkummaa Kiristoositti
jiraachuu jechuun jireenya guutuu fi irraa hafaa ta’e shaakaluu jechuu dha. Ati Kiristoosiin akka
fayyisaa lubbuu keetiitti yemmuu fudhattee isaa wajjin firoomaa ykn tokkummaa dhuunfaa
uummatteetta (Yoh. 1:12 dubbisi).
Ati amma jireenya Kiristoosiin fudhattee waanjirtuuf maqaa “Kiristaana” jeshamu isa maqaa
Isaa irratti hundaa’en waamamuu argatteetta. Haa ta'u iyyuu malee, Yeroo baay’ee amantoonni
baay’een kan gaafatan gaaffiin baramaan jira. Kunis:“yoon cubbuu hojjedhee fi waan
Waaqayyoon gaddisiisu hojjedhe, maalan ta’aa?” ykn “froomnii fi tokkummaanani Waaqayyoo
wajjin horadhe itti fufa moo yks Kiristoos jireenya koo in dhiisa?” kan jedhu dha.
Deebii gaaffii kanaa akkaataa ta’uttu hubachuudhaaf garaagarummaa firoomaa fi tokkummaa
gidduu jiru beekuun barabaachisaa dha.Tokkummaanykn walitti dhufeenyi waantokko yeroo
ta’u, firoomni immoo waan biraa dha. Mee hammuma ta’e gadi fageenyaanilaaluu haa yaallu.
Walitti dhufeenya ykn Firooma
Hiika firoomaa ykn walitti dhufeenyaa sirriitti qabachuufakka nu dandeessisutti, firooma
abbaa fi Ilama gidduu jiru akka fakkeenyummaatti haa fudhannu. Mucaan tokkko maatii tokko
keessatti yemmuu dhalatu jireenya isaa maatii isaa irraa fudhata. Abbaa fi ilma ta’aniiru.
Mucichis abbaa isaa irraa kan ka’e aboo qaba; maqaa abbaa isaatinis in waamama. Abbaa isaa
wajjin firooma abbaa fi mucummaa qabaata.Mucaankun waan abbaa isaa gaddisiisu hojjetee
yoo manaa bade; akkasumas abbaan isaas yoo itti gadde, wal-dhabdee uumame irraa kan ka’e
firoomni abbuummaa fi mucummaa isaa waan addaan citu otuu hin taane firooma
siraanna/dhaabbataa ti. Mucichi amala akkami yoo qabaate iyyuu firoomsni isaanii akkuma
4. 4
jirutti taa’a.
Tokkummaa
Tokkummaa qabaachuun firooma ykn walitti dhufeenya qaban fayyummaatti eeggachuu ykn
qabachuu keessaa kan bahu dha. Akka fakkeenya armaa olitti ilaalleetti, yoo mucaan manaa
bade, firoomni abbummaa fi mucummaa gidduu isaanii jiru yoo hafuu baate iyyuu
tokkummaanisaanii garuu tarkaanfii dogongoraa mucichi uumee irraa kan ka’e addaancituu
mala.
Fakkeenya kana ibsuuf dubbiin Yasuus Luuqaas 15: 11-24 keessatti dubbate dubbisi. Kutaa kana
keessatti firoomni abbaa fi mucaa gidduu jiru addaan citee turee? Tokkumaan isaanii hoo?
Fakkeenya kana firooma nuti Waaqayyoo wajjin qabnuunwalsimsiisuun ilaaluu in dandeenya.
Gooftaa akka Fayyisaa lubbuu keenyaatti erga fudhannee jalqabee haafuuran lammaffaa
dhalanneerra waan ta'eef, firoomni abbummaa fi mucummaa Waaqayyoo wajjin qabnu kan
addaan hin cinnee fi siraana (permanent) dha. Inni Abbaa keenya,nus ijoollee isaa ti; firoomni
keenya hin jijjiiramu. Garuu yeroo cubbuu raawwannu fi waan Waaqayyo itti hin gammanne
goonu tokkummaannuti Waaqayyoo wajjin qabnu ni miidhama. Akka nama dukkana keessa
deddeebi’uus taana. Kanaaftokkummaa addaan cite kana deebifnee suphuutu nu barbaachisa.
Kanas kan gochuu dandeenyu, qalbii diddiirachuu dhan.( Kutaa 6ffaa barumsa akanaa ilaali).
Barumsi kun kutaalee 7 qaba. Guutummaa barumsa kanaa asii fudhachuu dandeessu.
Waaqayyo isin haa eebbisu.
BARUMSA BU'UURA AMANTIIKIRISTAANAA
K U T A A 3 : J i r e e n y a H a a r a a f i H a f u u r a Q u l q u l l u u
Seensa
Amanaandhugaa hafuura qulqulluun guutamuu fi isaan deddeebi’uu ykn immoo to’annooisaa
jala jiraachuu bare, yeroo hundumaa jireenya isaa keessatti shaakala nama ajaabsiisu fi jireenya
kiristaanummaa moo’ichaa qabu arguu dada’a.
Waaqayyo nuun ijoolleen isaa jiraanya moo’ichaa akka jiraannu barbaada. Karaa ittiin isa
jiraannus nuuf qopheesseera. Barumsa kana keessatti icciitii jireenya moo’icha qabuu barra.
Abdii Yasuus duuka buutotaaf kenne.
Erga isaan waggaa sadii oliif isa duukaa jiraatanii booda, gaaftokko Yasuus bartoota isaatti
sagalee ittii adda bahuu[fooniin] itti dubbate. Isaan dhiisee akka adeemuufjiru itti hime. Isaanis
kana dhaga’anii garaan isaanii yeroo raafametti, sagalee jajjabinaa itti dubbate. Yoh.14:1-3.
Bakka kanatti kan inni ittiin jajjabeesse, akka dhaqee iddoo qopheesseefii dhufu; dhufees isaan
fudhatu itti dubbachuudhaan ture.
Jireenya akkasii keessatti mee ofii kee bakka bartootaa buusiitii ilaali. Maaltu sitti dhaga’amaa?
__________________________________________________________________
___________________
5. 5
___________________________________________________________
Sagaleen jajjabinaa Kan biraan Yasuus bartootatti dubbates ni jira. Inns kan isa bakka bu’ee
isaanii wajjin
jiraatu, jajjabeessaa kan biraa akka isaaniif ergu itti dubbachuudhaan ture.
Yoh.14: 15-27 dubbisi. Kutaa kana keessatti Abbaan eenyuunakka ergu dubbataa?
__________________________________________________________________
___________________
___________________________________________________________
Dabalataafis Yoh.16: 5-15 dubbisi.
Luqqisiiwwan armaa olitti kennaman keessatti dhugaan dubbatame, akka Hafuurri Qulqulluun
dhufee isaan keessa jiraatuu; barabaraanis akka isaan keessa jiraatu dha. Kunis abdii Gooftaan
Yasuus yeroo itti isaa wajjin jiraachuu fi hojii ergaa wangeelaa namootaan gahuun mijataa hin
taane keessatti ture. Warri yeroo sana aboo fi dhageettii qaban hundinuu Yasuusiin ajjeesuu
waan fedhaniif, bartoonnis sodaa guddaa keessa galanii turan. Erga du’ee du’aa ka’ees, Yasuus
bartoota haala rakkisaa kana keessatti qobaatti isaan dhiisuu hin barbaanne. [Sumaaniyyuu
har’a Gooftaan qobaatti si dhiisuu hin fedhu].
Kana irraa kan ka’es ulfinni jireenyii fi amalli Kiristoos akkasumas aboon isaa karaa warra
Kiristoositti amananii Hafuura Qulqulluudhaan mul’ata. Hafuurri Qulqulluun abdii Kiristoos
warra isatti amananii isa duukaa bu’aniif keenne dha.
Har’as, abdiin kun jireenya warra Kiristoositti amananii duukaa isaa bu’aniif ni hojjeta. Hojiinii
fi jiraachuun hafuurichaa har’as dhugaadha.
Kiristaanni kamuu human ofii isaatiin jireenya moo’ichaa jiraachuu fi tajaajila firi-qabeessa
tajaajiluu hin danda’u. Kana jireenya namaa keessatti gochuu kandanda’uu fi jireenya
kirsistoosiin nu keessatti dhugoomsuu kandanda’u Hafuura Qulqulluu dha.
Kiristaanummaa adda kangodhu isa kana. Nuti waan ta’uu hin dandeenye ta’uu fi gochuu
yaallee, otuu nuuf hin milkaa’in hafuu isaatiin hallayyaa abdii kutannaa keessa gallee akka
dhuphannu Gooftaan hin barbaadu. Hallayyaa sana keessaa nu baasee, jireenya hafuuraatiinis
ta’ee sansakaan(ethics) gulantaa irra dhaabachuunnurraa eegamurra akka dhaabannu kannu
dandeessisu hafuura Qulqulluudha. Inni kun immoo eebba Kiristaanonni hundumtuu ittiin
eebbifamani dha. Amantoonni hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamaa fi to’annoo isaa jala
jiraataa yoo deeman, Yasuus Kiristoos jireenya isaanii irraa mul’achuu jalqaba.
Namoota lafa kana irra jiraatanbakka sadiitti qoodnee yoo ilaalle:
i. Nama Hafuura Waaqayyoo of keessaa hin qabne (natural Man), --kan hin amanne
ii. Nama Hafuuraa (spiritual man) fi
iii. Nama yaada foonii duukaa bu’u (worldly /carnal).
Inni duraa kan hin amanne yoo ta’u inni lammaffaa kan jireenya isaa Kiristoosiif bichisiise fi
hafurrii Qulqulluunjireenya isaa to’ate dha. Ini sadaffaa immooeenyummaa/ofummaa isaatuu
isa bitee jira. Nama hafuuraa ta’uu jechaan bittaa Hafuura qulqulluu isa nu keessa jiruu jala
6. 6
otuu addaa hin kutin jiraachuu dha. Mee bal’inaan barumsa kana keessa galuu keenya dura,
waa’ee hafuura Qulqulluu salphifnee hubachuu haa yaallu.
Irra deebi’iitii Kutaa lamaan armaa olitti wa’ee Hafuura Qulqulluu keessatti argitee
dubbisi.(Yoh. 14:15-27; Yoh 16:5-15)
Eeenyummaa Hafuura Qulqulluu
Utuu Yasuus Kiristoosiin gooftaa jireenya kee godhattee hin fudhatin duraan kan jireenya kee
bitee ture ofummaa keeti. Yeroo itti Yasuus Kiristoosiin amantee fudhattee jalqabee immoo
Hafuurri qulqulluun si keessa jiraachuuf gara jireenya keetii dhufeera. Hafuurri Qulqulluun
jireenya moo’ichaa fi gammachuu akka jiraattu si dandeessisa. Waa’ee Hafuura Qulqulluu isa si
keessa jiruu kanaa Macaafni qulqulluun kan inni barsiisu:
Hafuurri Qulqulluun Waaqa/Waaqayyo dha (HoE 5:3-5)
Jireenya nama Yasuus Kiristoosiin Fayyisaa jireenya isaa godhee fudhate hundumaa keessa
jiraata (1Qor. 3:16; Rom.8:9)
Jireenya Kiristaanummaa Moo’icha qabu akka jiraannuuf human nuuf kenna(Gal.5:22; Rom
8:26)
Barsiisaa keenya dha (Yoh.14:26)
Dadhabbii keenyatti nu gargaara (Rom.8:26)
Warra kaaniif akka nuti dhugaa baanuufhuman nuuf kenna (HoE.1:8)
Nama Hafuura Waaqayyoo of keessaa hin qabne (natural Man), --kan hin amanne
Nama Hafuuraa (Kiristaana Hafuura Qulqulluudhaan guutame)
Yeroo Yasuus Kiristoosiin fayyisaa jireenya keenyaa goonee fudhannu, Hafuurri Qulqulluun
gara jireenya keenyaa ni dhufa.
Rom 8:9 Dubbisi. Kutaan kun eenyu akka nu keessa jiraatu nutti himaa?
__________________________________________________________________
___________________
___________________________________________________________
Nuti Kan Kiristoos ta’uu keenya kan nuuf mirkaneessuu mal inni?
__________________________________________________________________
___________________
7. 7
___________________________________________________________
Hafuura Qulqulluudhaan guutamuu jechuun feha keenyaan akka Yasuus kiristoos karaa hafuura
isaa isa nu keessa jiraatuu jireenya keenya guutummaatti bituuf kenuufii jechuu fha. Macaafni
Qulqulluun jireenya Hafuura Qulqulluudhaan guutame akka kanatti fufee jirutti ibsa.
Gal 5:22-23 Dubbisi. Wantoonni kutaa kana keessatti tarreeffaman maal maal fa’ii?
__________________________________________________________________
___________________
___________________________________________________________
Wantonni kun firii/naatija maaliitii?
__________________________________________________________________
___________________
___________________________________________________________
Yeroo jireenya keenya guutummaatti Yasuusiif bichisiisuu jalqabnu, jireenya keenya keessatti
jijjiirama namaajaaybsiisutu
ta’uu jalqaba. Isaan
keessaas,fedhiin Waaqayyoon
gammachiisuu, Macaafa
qulqulluudubbisuu, kadhachuu,
warra kaanitti waa’ee Fayyisuu
Kiristoos dhugaa bahuu,
akkasumas fedhiiwwan
Kiristoosii wajjin tokkummaa
uummachuu nu keessatti
guddachaa deemu. Guutummaatti hafuurri qulqulluun jireenya keenya duunfate jechuu fi
hafuura Qulqulluun guutamuu jechuun wal fakkaatoo dha.
Egaa namni hafuuraa, Jireenya isaa keessa Kiristoos jira. Jireenya isaa keessatti iddoo
olaantummaa kanqabates Kiristoos. Inni jireenya Kiristoosiisf abboomamamu qaba. human
Hafuurq Qulqulluu qaba. Namoota baraas gara Kiristoositti fida. Ni kadhata, beekumsa dubbii
isaatii ni qaba. Waaqayyotti ni amanita.Jireenya nama kanaa keessatti iji hafuuraa ni mul’ata.
Galatiyaa 5:22-23 dubbisi. Jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, garummaa, garraamummaa,
amanttii, gara laafina,of bituu. Haata’u iyyuu malee garuu isaan kun hundumtuu jireenya nama
hafuuraa kanaa keessatti ni mul’atu.
Nama yaada foonii duukaa bu’u (worldly /carnal).
Kirstaanni of jaallataan-- kan akka yaada fooniiatti jiraatu-- Waaqayyoon caalmaatti of
gammachiisuu filata. Inni nama yaada ofii isaa hordofee adeemu dha.
Mee 1 Qoro. 3: 1-3 dubbisi. Kutaan kun waa’ee amaloota nama akka yaada fooniitti deddeebi’uu
maal faa tarreessaa?
__________________________________________________________________
___________________
___________________________________________________________
8. 8
Fakkoon kun jireenyi nama akka yaada fooniitti deddeebi’uu maal akka fakkaatu agarsiisa.
Jireenya namichakanaa keessa
Kiristoos jira. Haa ta’u iyyuu
malee jireenya isaa keessatti
iddoo ol’aanaa qabatee kan jiru
anummaa ofii isaa tii ti.
Gooftaan Yasuus jireenya isaa
akka ta’utti bitee gara yaada ofii
isaatti akka isa geessuuf isaaf
hin eeyyamne ykn haboo hin
laanneef. Gooftaan immoo jireenya namootaa, yoo isaan fedha isaaniitiin isaaf kennan
gargaaree gara yaada isaatti geessa. Inni garuu saamtiuu waan hin taaneef nama tokko illee hin
dirqisiisu.
Namni kun jireenya isaa irratti haboo guutuu waangooftaadhaafhin laatin jiruuf jecha,
Waaqayyoon hin amanatu,isaaf hin abboomamu, fedhii namoota biraa gara Kiristoositti fiduu
hin qabu, jireenyi kadhata isaa fi dubbii Waaqayyoo dubbisuu isaa dadhabaa dha. Yeroo hundaa
yaada cubbuutu isa keessa guutee argama.
Kan nama dhibu namichi/ttiin kun ofii isaa qofa otuu hin taane Waaqayyoon illee gammachiisu
ni fedha. Haa ta’u iyyuu malee garuu yeroo baay’ee hin danda’u. Mee
Rom. 7: 15 fi 18dubbisi. Rakkoon namicha as keessa jiruu maal sitti fakkaataa?
__________________________________________________________________
___________________
___________________________________________________________
Rom.7:24 Dubbisi. Dhiphuu nii fi iyyatni nama kanaa maal inni?
__________________________________________________________________
___________________
___________________________________________________________
Amanaanakka yaada fooniitti deddeebi’u kun yeroo hundumaa jireenya mo’amuu jiraata malee
kan moo’ichaa fi kan gammachuu miti. Yeroo tokko tokko tasumaa akka Kiristaanaatti jiraachuu
fi ta’uu dadhaba. Amanaanakkasii kun egaa akkam yoo godhe nama hafuuraa—nama hafuurri
qulqulluun keessa guute-- ta’uu dandayaa? Gaaffii kanaafdeebii kennuu keenya dursinee
maalummaa nama hafuura Waaqayyoon guutamuu haa ilaallu.
Hafuura Qulqulluun guutamuu
Kiristoosiin kan nuti fudhanne AMANTIIdhaanakkuma ta’e, Hafuura Qulqulluu illee kan nuti
fudhannu AMANRII dhumaani. Ammuma Hafuurri qulqulluun jireenya kee akka guutuu fi siin
toyatu godhuu ni dandeetta. Kun akka ta’uufwantoonni sadii garuu barbaachisoo dha:
1. CUbbuu kee Waaqayyotti himadhu (1 Yoh. 1:9 dubbisi)
2. Guutummaa jireenya kee Waaqayyotti dabarsii kenni (Rom. 6:13 Dubbisi) Kutaan kun maal
akka
9. 9
goonu nu gaafataa?
__________________________________________________________________
_____________
_________________________________________________________________
3. Waaqayyo Hafuura isaanakka si guutu amani. Yrooakkas gootu wantoonni lama
barbaachisoo
dha-- Abboommii fi abdii isaa.
a. Abboommii: Efes. 5:18Dubbisi. Kutaan kun maal akka goonu nu abboomaa?
__________________________________________________________________
_____________
_________________________________________________________________
b. Abdii: 1 Yoh. 5: 14-15 Dubbisi. Kutaa kana keessatti kadhata keenya ilaalchisee Abdiin
nuuf kenname tokko jira. Maal inni?
__________________________________________________________________
_____________
_________________________________________________________________
Hafuuta Qulqulluun guutamuu keenya kan nuti beeknu amantii dhaani. Kadhannaan immoo
karaa itti amanii keenya hojiidhaan mul’ifnu keessaa tokko. Egaa Hafuura Qulqulluudhaan
guutamuu garaa kee irraa barbaaddee murteessiteetta taanaan mee akkas jedhii Waaqayyoon
kadhadhu.
“ Yaa Waaqayyo gooftaa, ammaa qabdee jireenya koo akka toyattun barbaada. Haga
ammaatti anumti jireenya koo bulchaa fi geggeessaa tureera. Amma garuu kun cubbuu ta’uu
isaa baree sitti kennachuu fedheen jira. Kanaafuu yerottii kanaa eegalee akka ati ana irrati
mootuu fi jireenya koo hafuura keetiin guutti sin kadhadha. Yakka koo kanaan duraa anaaf
dhiisuu keef sin galateeffadha. Amma sagalee keef nan abboomama. Hafuura qulqulluun akka
ana guuttuuf sin kadhadha. Inni dhufee jireenya koo keessa haa guutu. Gara yaadaa fi akeeka
keettis anaan haa geggeesu. Akka abdii sagalee kee keessa jiruutti Hafuura kee isa Qulqulluun
waan ana guutteef sin galateeffadha. Maqaa Gooftaa Yasuusiin. Ameen.”
Egaa kadhata kana qalbiitti qabattee irra deddebi’uu otuu hin taane onnee kee irraa fedha
madden Waaqayyoon gaafachuun kee Hafuura Qulqulluun akka guutamtu si godha. Akka
Hafuura Qulqulluun Guutamte Maaliin Beektaa?
Yeroo akka Waaqayyo Hafuura Qulqulluunsi guutuuf kadhatte amantiidhaanture? Akkas
taanaan Isaan guutamuu kee beektaa ree? Abdii sagalee Waaqayyoo keessatti siif kenname irra
dhaabattee guutamuu kee mirkaneeffachuu ni dadeessa. Kadhata kee kana kana ati godhatte
DHUGAA dubii Waaqayyoo irra dhaabattee ti. Dhugaan immoo yeroo hundaa dhugaa ta’ee
jiraata. Ati immoo dhugaa kana irra dhaabattee AMANTE. Amantiin dhugaa irra dhaabata. Isa
booda immoo MIIRRI dhuga.
Kana jechuun egaa Hafuura Waaqayyoonguutamuu keenya kan nuuf mirkaneessu dhugaa fi
Amantii malee jalqaba miira miti. Miirri wanta booda dhufu dha. Yroo nuti dhugaa Dubbii
Waaqayyoo amannee fudhannu, miirri keenya karaa sirrii hordofu. Egaa kan nuti amanannu
10. 10
miira keenya otuu hin ta’in Waaqayyoo fi Dhugaa isa ta’e sagalee isaa ti.
Akkas jechuun kana booda Waa’ee Hafuura Qulqulluu hin kadhnnu jechuu dha? Waa’uu. Akka
Macaafni Qulqulluun jedhutti amanaan tokko yeroo hundumaa Hafuura Qulqulluunguutamuu
qaba. Kanaafuu itti fufiinsaan isa dheebochuunbarbaachisaa dha.
Tarii erga Hafuurri Qulqulluun si guutee fi jireenya kee to’achuu jalqabee booda deebitee atumti
ofii keenya jireenya kee to’ataa yoo argite, jechuunis yoo cubbuutti kufte, abdii kutattee
achumaanofirra gad hin taa’in. Fuula Waaqayyo duratti Qalbii diddiiradhu: Itti gaabbi,
Waaqayyotti himadhu, irraa deebi’uufis murteeffadhu. Hafuurri Qulqulluunis deebi’ee akka
jireenya kee bituuf isa kadhadhu. Akka Waaqayyo ammas jireenya kee Hafuura isaan guutuuf is
kadhadhu. (Efe.5:18). Abdii fi abboommii Efe. 5:18fi 1
Yoh. 5:14-15irratti kennamanirra deebi’ii yaadadhu.
Yeroodhuma itti hafuurri Qulqulluun jireenya cubbuu keessa jiraachuu keee sii mul’ise
hundaatti qalbii kee diddiiradhu. Yeroo akkas gootu jireenya gammachuu qabu jiraachuu
jalqabdaa. Akkasitti immoo Hafuurri Qulqulluun jireenya kee keessa yeroo hundumaa akka
guutu eeyyamtaaf. AKkasitii Gooftaa Yasuusiin yeroo mara iddoo ol’aanaa jireenya kee irratti
moosifattee jiraattaa. Kan jechuunis nama hafuura Waaqayyootiin geggeeffamu taatee jiraatta.
Ija hafuuraa godhachuu
Yeroo itti Hafuurri Qulqulluun jireenya kee dhaalu fi toyatu wantoonni armaa gaditti
tarreeffaman
jireenya kee irraa mul’achuu jalqabu:
1. Iji Hafuura Qulqulluu caalmaatti jireenya kee irraa mul’achaa adeemu (Gal.5:22-23)
2. Kadhatni kee bu’a qabeessa ta’aa adeema (Yaaq. 5:16)
3. Hubantiin ati Macaafa Qulqulluu irratti qabaachaa adeemtu ni dabala. (2 Xim.3:16)
4. Yeroo dhugaa baatutti humana Waaqayyoo argatta (HoE 1:8)
5. Qorumsaa fi cubbuu mo’achuuf human Waaqayyoo argatta (1 Qor. 10:13)
BARUMSA BU'UURA AMANTII KIRISTAANAA
K U T A A 4 : K I R I S T O O S I T T I G U D D A C H U U
Namni tokko Yeroo Gooftaa Yasuusitti amanu amantiidhaankaraa hafuuraa Waaqayyo irraa
dhalata. Waaqayyo irraa kan dhalate immoo kan kiristoosi. Jireenyi nuti Kiristoositti
amanuudhaan arganne kunimmoo jireenya haaraa dha. Jireenya haaraa kana keessatti
guddachuun barbaachisaa dha.
1Phex 1:23 Dubbisi. Akka kuraan kun dubbatutti nuti maal taanee jirraa?
-------------------------------------------------------------------------------------------- -------------------
----------------
---------------------------------------------------------------------------------------
2Phex.3:18Dubbis. Kutaan kun immoo maal akka taanu nutti himaa?
-----------------------------------------------------------------------------------------------------------------
--------------
13. 13
B A R U M S A B U ' U U R A A M A N T I I K I R I S T A A N A A
K U T A A 5 : S A G A L E E W A A Q A Y Y O T T I G U D D A C H U U
Seensa
Macaafni Qulqulluun sagalee Waaqayyo biraa namaaf darbe. Wanti isa keessa jiru hunduu nu
fayyaduuf caafame. Room 15:4 akka kutaa kanaatti sagaleen Waaqayyoo maaliif
barreeffamee?______________
Waaqayyo Karaa Macaafa Qulqulluu nutti dubbata. Amantiin Kiristaanaa caalaatti kanminyaa’aa
fi dinqisiisaa ta’aa adeemu hammuma dubbii isaa keessaan Waaqayyoon barree ta’a. Kanaafuu
mata duree kana jalatti Maaliif Macaafa Qulqulluu akka qayyabannu barra.
Sagalee Waaqayyoo
Waaqayyo nama uumee wajjin tokkummaa godhachuu barbaada. Utuu Yasuus hin dhalatin dura
namoota isaaf of kennanii fi warra filatetti dubbii isaa kennee, isaan immoo galmeessanii turan.
Kunis namaa wajjin tokkummaa uumuuf jecha.
Ibr.1:1 Dur karaa kamfaa dubbachaa tue?
Booda kana garuu Waaqayyo nama ta’ee dubbii isaa namatti hime. (Ibr.1:2). Yoh 1:1-2,14 wal bira
qabii dubbisi. Egaa lafa irra deddeebi’ee erga barsiisee booda itti fufees namoota isaaf of kennanii
fi isaan filateen sagalee jireenyaa Yasuus akka galmeessan godhe. Waaqayyoof abboomamuu fi
amanamuunnamoota kanaa har’a sagaleen Waaqayyoo inni dhugaa ta’e akka nu bira gahu
godheera. Kanaafuu, Macaafni Ququlluunnuuf qajeelcha (guide) Waaqayyoisa waaqeffannaa
keenyaa fi tokkummaa keenya barbaadu biraa nuufkenname.
Waaqayyoon dhaga’uu baruu
Macaafa Qulqulluunkitaabota namni hunduu dubbiisuu qabu dha. Namoonni baay’een akka itti
Waaqayyo karaa sagalee isaa dubbatu hin beekan. Firoomnii fi tokkummaan ati Waaqayyoo
wajjin qabdu kan hiikka godhatu yoo isa inni sitti himuu fedhu dhageessee fi hubatte qofa.
Akkamitti sagalee Waaqayyoo qayyabannaa?
1. Ilaalcha fayyaalessaa/qajeelaa fi sirrii ta’e qabaachufii
Kanaan dura ilaalchi nuti Macaafa Qulqulluuf qabnu sirrii fi qajeelaamiti yoo ta’e sirreeffachuutu
nurra jira. Kitaabicha akka kitaaba asoosamaa ykn kitaabuma salphaa tokko goonee fudhanna
yoo ta’e kun ilaalcha dogongoraa ti. Macaafni Qulqulluun kitaaba Sagaleen/yaadni Waaqayyo isa
guddaa keessatti galmaa’ee jiru dha. Isa keessaan Waaqayyodhuunfaatti jireenya keenyatti
dubbata. Kanaafuu akka Waaqayyo isa keessaan nutti dubbatu hawwaa fi kadhataa itti
dhiyaachuun nurra jiraata. Dhageeffachuu fedhuunii fi Akka Isa dhaga’uu dandeenyuuf
Waaqayyomti ofii isaa akka nu gargaaru jireenya kadhataa qabaachuunbarbaachisaa dha.
2. Qophii
Macaafa qulqulluu qayyabachuufqophiin yeroo, iddoo, haalaa naannoo akkasumas yaadaa
14. 14
barbaachisaa dha. Fkn. Otuu yaadni keenya wantoota gargaraatti qabamee jiruu qayyabachuun
bu’a qabeessa ta’uu nu dhowwa. Kanaafuu yeroo gabaabaa fudhannee yaada keenya dubbii
Waaqayyootiif kadhannaadhaan qopheessuun barbaachisaa dha. Yeroo fi baaka qayyabachuuf
nuuf mijatu filachuunis nu gargaara. Kana boodas kutaa qayyabannu filachuu fi isa irratti
xiyyefachuutu nurra jira.
3. Tooftaa qayyabannaatti fayyadamuu
Qayyabannaa bu’a qabeessa ta’e qayyabachuufxuqaalee muraasa yaada keessatti qabachuunsi
barbaachisantu jiru. Isaanis:
a. Dursiitii kutaa kutaa/macaafa qayyabattu filadhu.
b. Kutaa saba irra deddeebi’ii dubbisi. Kanas hamma yaadni dubbisichaa siif galutti dubbisi.
c. Wantoonni/jechoonni/gaaleewwansiif hin galle adda baasii yaadannoo kee irratti barreessi.
d. Yoo siif danda’ame hiikaa fi afaanota garagaraatti fayyadamii dubbisi. Kunis gaaffileen ati
kanaa olitti barreeffate akka siif deebi’aniif si gargaara.[Akkasumas kutaanati qayyabattu
gabaabaa yoota’e,] yaada isa keessa jiru akka siif galetti yaadannookee irratti barreessi.
e. Dubbisa duraa fi duuba kutaa irratti qayyabataa jirtu sanaa dubbisi.
f. Waa’ee kutaa qayyabattu kanaa odeeffannoo argatti yaadannoo kee irratti barreessi.
Odeeffannoo kan jennu kunis:
i. Kutaa kana keessatti maaltu ta’e/dubbatame?
ii. Eenyu dubbate/hojjete/qooda fudhate?
iii. Maaliif ?
iv. Eessattii fi yoom/yeroo akkamii? [Yeroon qoodama guyyaa tokko keessa jiru qofa otuu hin
ta’in haala qabatamaa gochi sun keessatti ta’aa jiru illee ittin hubachuuf nu gargaara].
v. Ergaan kutaan kundabarsu maal ture [dhaggeeffattoota warra duraatiif]
g. Jireenya ofiitti firoomsuu. Yeroo Macaafa Qulqulluu dubbifannu ergaa sirrii isa kutaan sun
namoota dura ergicha fudhatanitti dubbatu erga barree hubannee booda har’aa ergaan sun
hiikkaa akkamii nuuf akka qabu gaafachuun gara Waaqayyoon dhaggeeffachuutti nu geessa.
Sagalee isaa keessaan waanWaaqayyo nutti dubbatu kandhageenyu yeroo Isa dubbifanne
jireenya keenyatti firoomsuu jalqabnu dha. Akkaataa itti sagaleen nuti qayyabanne jireenya
keenyaan walitti firoomuu danda’u adda baafachuf gaaffi kanaa gaditti tarreeffan keessaa kan
kutaa sanatti qabatee jiru deebisuu dhaan ta’a.
i. Abboommii ani Kutaa kana keessaa fudhadhu jiraa?
ii. Kutaan kun Abdii maalii naaf laata?
iii. Wanti ani itti qalbii diiddiirachuu qabu jiraa?
iv. Fakkenyi ani hordofuu qabuu hoo jira?
v. Jijjiirama ilaalchaa ani kutaa kana irraa baree gochuu qabu jira?
Gilgaala: Mee Macaafa Qulqulluu keessaa tartiiba qayyabannaa armaa olitti kennamanhordofiitii
Luuqaas 15:1-10 qayyabadhu. Waan barte maras yaadannoo kee irratti qabdhuutii hiriyaa/gartuu
keetiif hiri.
15. 15
BARUMSA BU'UURA AMANTII KIRISTAANAA
K u t a a 6 : K a d h a n n a a t t i G u d d a c h u u
Seensa
Kadhannaa Waaqayyoo wajjin dudubbachuu dha. Kiristaanummaan walitti dhufeenya namni
tokko Waaqayyoo wajjin qabu irratti kan hundaa’u dha. Kiristaanni kamuu Waaqayyoo wajjin
walitti dhufeenya dhuunfaa keessa nama gale dha. Jireenya Kiristaanummaa fiixaan bahumsa
qabu yoo barbaanne, Waaqayyoo wajjin dudubbachuu shaakaluun dirqama nutti ta’a. karaa
Kadhannaa Eebba Yasuus Kiristoosiin nuuf kenname hundumaa Waaqayyo harkaa fudhachuu
ni dandeenya.
Kadhannaan maaliif barbaachisa?
Jireenya hafuuraawaa fayya buleessaa fi jabaataa ta’e qabaachuu barbaanna yoo ta’e jireenyi
Kadhannaa baay’ee barbaachisaa dha. Sababni isaa Waaqayyo isa Waaqarra jiraatuu wajjin kan
nuti haasa’uu dandeenyu karaa kadhannaa qofa waan ta’eef.
Karaa tokkumma Waaqayyoo wajjin qabaannuu wanta jireenyaaf nu barbaachisu hundaa
fudhachuu dandeenya—Jaalala abbaa keenya biraa, Isa faradu harkaa dhiifamuu cubbuu
keenyaa, Jajjabeessaa keenya biraa gadda qabnuuf jajjabina, Madda aangoo keenyaa biraa
dadhabbii keenyaaf humana, Geggeessaa keenya biraa qajeelfama, Gorsaa keenya biraa gorsa
fudhachuu dandeenya. Namni Waaqayyoo wajjin jireenya dudubbachuu fi isaaf immoo
abboomamuu qabu yeroo mara jireenya moo’ichaa jiraata. Nus har’a jireenya irraa hafaa fi firi-
qabeessa jiraachuu yoo barbaanne, Waaqayyoo wajjin dudubbachuu barachuutu nuuf ta’a.
Kadhannaan maal faa of keessaa qabaa?
Kadhannaan Waaqayyoo wajjin dudubbachuu erga ta’ee, yeroo isaa wajjin haasofnu maal faa
keessa galchuutu nurra jiraa? Wantoonni kadhata keenya keessa galfaman: jajannaa, galata,
himata (cubuu ofii), kadhataa fi Waammata (warra kaaniif godhamu) ta’u.
1. Kdhata jajannaa (Waaqeffannaa)
Kun kadhata keessatti eenyummaa fi Waaqummaa Waaqayyootiif isa jajannu dha. Ijoollee isaa
waan taaneef, waa’ee jaalala isaa, humana isaa,araara isaa, Obsa isaa, qulqullummaa isaa, kkf.
Yaadannee isa jajachuutu nuuf ta’a.
Faar. 95: 6 Dubbisi. Luqqisiin kun maal akka goonu nutti himaa?
__________________________________________________________________
___________________
__________________________________________________________________
________________
Faar.95: 7 Dubbisi. Akka kutaan kun nutti himutti immoo kan nuti Waaqayyoonjajannu
maaliif?
__________________________________________________________________
___________________
__________________________________________________________________
19. 19
________________
Seer-bu’uuraalee Kadhannaa (priniciples of prayer)
1. Utuu addaan hin kutin kadhachuu (Daan. 6:10; Rom.12:12; Luuq. 5:16). Nama tokkoo wajjin
sirriitti waliigaluuf yoo barbaannee isaa wajjin dudubbachuunbarbaachisaa dha. Fkn. Abbaan
mana turban keessatti guyyaa tokko daqiiqaa kudhaniif qofa otuu inni wajjin haasa’ee yknyeroo
rakkinni ta’e mana isaanii keessatti uumame qofa otuu wajjin haasa’ee itti ni gammaddii?
Waaqayyos gaafa hundumaa akka isaa wajjin haasofnuu fi mar’annu barbaada.
2. Yeroo kadhataa dhuunfaa qabaachuu (Maat.6:5-6)
3. Kadhata salphaa isaa garuu dhugaadhaan ta’e—Dheeressineef nuufdhaga’ama miti. Callisanii
irra deddeebi’aa ooluus miti. (Maat.6:7-8)
4. Cimsanii kadhachuu/Amantiin (Luuq. 11:5-13; 18:1-7;Uuma.32:26;)—Maarq.11:24.
Gaafachuu==>Amanuu==>Fudhachuu==>kana ofii godhachuu.
5. Kadhata Humna of keessaa qabu (Maarq9:22;
6. Kadhata akka jaalala Waaqayyootti ta’e (Luuq.22:42;
B A R U M S A B U ' U U R A A M A N T I I K I R I S T A A N A A
K U T A A 7 : A m a n t i i ( F a i t h )
Amantiin: waan tokko, nama tokko, ykn of irratti abdii godhachuu agarsiisa. Amantiin keenya waan
baay’ee irra ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf:
a. Ofii keenya irratti.
Amantiin keenya ofii keenya irratti ta’uu hin qabu 2Qor.1:9“…Waaqayyo isa du’aa kaasu malee ofii
keenya akka hin amananneef kun ta’e” Filp.3:3
b. namootaa fi haalota irratti
Namootattis ta’ee haalotatti amanachuunis akka dubbiin Waaqayyoo jedhutti sirrii miti. Ermi.17:5-6…
nama kan amanatu, Foonqabeessas hirree isaa kan godhatu abaatamaa dha…
Ermi. 9:23—ogeessi ogummaa isaatiin of hin jajin, jabaanis jabina isaatiin, badhaadhanis
badhaadhummaa isaatiin
c. Waaqayyo irratti
Waaqayyoon amanachuun sirrii fi barbaachisaa dha.
Ermi. 17:7-8—Namni Waaqayyoonamanatu eebbifamaadha
Ermi 9:24—Kan of jaju…ani Waaqayyo akkanta’e beekuu isaatiin of haa jaju.
Egaa barumsa kana keessatti kan nuti xiyyeeffannoo itti kenninu waa’ee Waaqayyoon amanachuu fi
amantii Waaqayyo irratti qabaachuu qabnuu ti.
1. Amantii( Waaqayyotti amanachuu) jechuunmaal jechuu dha?
Amantiin sagalee abdii Waaqayyokenne, Gochuu ni danda’a; in godhas jechuu dha. Ibr.11:1—‘Amantiin
waan abdatan“Dhuguma in ta’a” jedhanii fudhachuu dha; waanijaan hin argines akka waan arganiitti
“jira” jedhanii lakkaa’uu dha.’
Rom 4:18-22— “…Waaqayyo abdii kennee akka inni godhu waanhubateef..”
Luqqisiiwwan kunniin irraa kannuti barru, Amantii dura sagaleen abdii Waaqayyo kenne jiraachuu
isaa ti. Amantiin kan inni dhaabachuu danda’u sagalee abdii Waaqayyo kenne irratti qofa. Hawwaa fi
abjuu ofii keenyaa ofuma keessaa maddisiifnee kana Waaqayyo nuuf raawwata yoo jenne, garuu