Waaqayyo sanyiin abdachiifame Yisihaaq irraa akka dhufu ifatti ibseera (Uma. 17:19).Yisihaaq ilmaan lama qaba ture. Abdiin sun kam irraa raawwatama ture? Esaawuun nama xuraa'aa ture (Ibr. 12:16).
Yaaqoob sagalee Waaqayyoo ni hubata ture. Haa ta’u malee, Yaaqoob mala sirrii ta’etti hin fayyadamne. Xumurri mala hin qajeelchu, Yaaqoob bu’aa isaa kaffaleera.
Esaawuu fi Yaaqoob guyyaa tokko kan dhalatan taʼus, amala isaanii adda adda ture. Esaawuun adamsaa cimaa ture, Yaaqoob immoo tiksee tasgabbaa’aa ture (Uma. 25:27).
Yaaqoob akkuma obboleessi isaa tuffateetti angafummaa argate (Uma. 25:29-34).
Yommuu Yisihaaq Esaawuu eebbisuu barbaadu, Yaaqoob abbaa isaa gowwomsee eebba sana sobaan argate (Uma. 27:1-27).
“Yaaqoob mirgi dhalootaa akka isaaf bu’u haadha isaa irraa akeekkachiisa waaqayyoo baratee ture, inni immoo mirga inni kennuuf hawwii hin dubbatamneen guutame. Qabeenya abbaa isaa qabaachuu miti kan hawwe; mirga dhalootaa hafuuraa wanta hawwii isaa ture. Akkuma Abrahaam qajeelaan godhe Waaqayyoo wajjin haasa’uu, maatii isaatiif aarsaa araaraa dhiyeessuu, abbaa saba filatamaa fi Masiihii abdachiifame ta’uu, akkasumas qabeenya hin duune eebba kakuu keessatti hammatame dhaaluuf—kunoo turan mirgaafi ulfina fedhiisaa isa hunda caalaa cimaa taʼe qaqabsiise.”
E. G. W. (Patriarchs and Prophets, cp. 16, p. 178)